• 7 years ago
Avoset simbira qaama jiddu galeessaa qabu yoo ta’u, inni xiqqaan graama 311 ulfaata. Guddaan ammoo hanga graama 425 ulfaachuu danda’a. dheerinni isaatis haaluma sanyiitiin gargaarummmaa qaba. Inni irra gabaabaan seentimeetira 40 dheerata. Guddichi ammoo seentimeetira 45 dheerata. Koolli isaa qaama isaa caala dheerata. Kunis Seentimeetira 75 hanga 80 ta’a. halluun baallii isaa irra jiru adii fi gurraacha. Uumama kana keessaa wanti addaa fi ajaa’ibaa qoffee isaati. Qoffee akkaan dheeraa xiqqoo ol caafamu qaba. Qoffeen Sanyii dhiiraa kan dhalaa irra dheerinna qaba. Qoffeen isaa kun waanuma akka tasaa argamee miti. Akkasumas waan faaydaa malee uumamee miti. Akkuma isinitti hime uumamni kun naannoo bishaanii fi qarqara laggeenii jiraata. Kanaafuu soorata isaa bishaan keessaa barbaadee argata. Waan bishaan keessa jiru qabachuudhaaf ammoo qoffee dheeraa barbaachisa. Sababa kanaaf Rabbiin guddaan uumama kanaa qoffee dheeraa kennuudhaan adlii dalage.

Category

🐳
Animals